Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Itoophiyaan guddina teknooloojii odeeffanoo fi wal qunnamtii ykn Information Communication Technology tiin biyyoota addunyaa 154 keessaa 147ffaa irratti akka argamtu beekame.

(Madda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 15,2009) Gabaasaaleen akka hubachiisanitti, Itoophiyaan Wayyaanotaa bara 2002 irraa qabee hanga har’aatti guddina teknooloojii odeeffannoo fi wal qunnamtii ykn ICTtiin fooyya’insa homaatuu agarsiisuu hin dandeenye.

Arraatni wayyaanee WALTA jedhamu garuu dhugaa kana gara dabarsuudhaan, Itoophiyaan akka guddina gama kanaan of dura tarkaanfattetti odeessuun isaa ummatoota biyyattii kan odeessa walaba karaa biraa argachuu hin dandeenyetti qoosuu dha jechuun taajjabdoonni ibsaa jiru.

Qorannoon sadarkaa idil addunyaatti qophaawe kun dabalee akka hubachiisutti, Itoophiyaan biyyoota Afriikaa baay’ee wajjin yeroo wal bira qabamtu, tajaajila humna interneetaa shaffisaa ykn broadband wajjin wal hin barre jechuunis akka danda’amu beekameera.

Itoophiyaan Wayyaanotaa teknooloojii odeeffannoo fi walqunnamtii yookiin ICTiidhaan biyyoota addunyaa 154 keessaa 147ffaa irratti yeroo argamtu, biyti ollaa Eertiraan biyyoota 12n Itoophiyaa dursitee 134ffaa irratti akka argamtu gabaasaama kana irraa beekuun danda’ameera.

******** 

Kibba Oromiyaa daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaa naannoo magaalaa Mooyyaaleetti dhibeen Kolaaraa dhalate lubbuu lammiilee galaafataa akka jiru gabaafame.

(Madda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 15,2009)Gaazexaan Keeniyaa “The People Daily” jedhamu akka gabaasetti dhibeen Kolaaraa daangaa biyyoota lameenii naannoo magaalaa Mooyyaaleetti ka’e kun torbaanoota lama qofaa keessatti lubbuu namoota 11 galaafateera.

Namoonni dhibee kanaan qabaman 120 ol ta’anis haalan dhukkubsachaa akka jiran gaazexaan kun dabaluun gabaaseera.

Dhibeen kun lammiilee Itoophiyaa fi Keeniyaa keessa jiran kan miidhaa jiru si’a ta’u, mootummaan Keeniyaa dhibee kana ittisuuf lammiilee isaaf wal’aansa barbaachisu si’a taassisu, mootummaan Itophiyaa Wayyaaneen garuu lubbuu lammiilee biyyattii  baraaruuf tarkaanfii tokkollee kan hin fudhanne tahuutu ibsame.

Lammiileen walitti bu’iinsa humnoota badii Wayyaaneetiin qabsiifameen  qehee isaanii irraa buqqa’an 100,000 ol tahan dhibee hammaachaa jiru kana keessatti haalaan akka saaxilaman gabaasaan kun dabalee addeessa.  

********

Bara 2009 tti guddina dinagdee 11.2% galmeessina jechuun kan mootummaan Wayyaanee kijibu, dhaabbanni maallaqa addunyaa IMF dhareesse.

(Madda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 15,2009)Dhaabbanni maallaqa addunyaa /International Monetary Fund/ gabaasaa baaseen mootummaan Wayyaanee bara 2009 kanatti dingadee keenya 11.2% ol giddufna jechuun isaa dubbii dhugaa irraa fagaateedha jedhe.

Itoophiyaatti bakka bu’aa Dhaabbata Maallaqa Addunyaa/IMF kan tahan Sukiwiindar Siinfi yaada dhimma kana irratti kennaniin, sirnichi dinagdee biyyattii 11.2% ol guddifna jechuun isaa waan hin amanamne tahuu eeranii,  tarii yoo taheellee guddinni jiraatu 6.5% caaluu akka hin dandeenye ibsaniiru.

Wayita dinagdeen addunyaa jeeqamaa jiru kanatti guddina Galii Omisha Biyya keessaa ykn GDP 11.2% galmeessina jechuun kan hin danda’amne tahuu kan eeran bakka bu’aan kun,  biyyi Itoophiyaa iyyeettiin dhiibbaa jeequmsa dingdee addunyaa jalaa miliquu kan hin dandeenye tahuu ifa godhan.

Mataan Wayyaanee Mallas Zeenaawwii ji’oota muraasa dura haasawa paarlaamaa isaa irratti dhageessiseen, dinagdeen keenya jeequmsa dinagdee addunyaaf hin saaxilamu jechuun kijibuun isaa ni yaadamata.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net